header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Qalbii teenya haa jabeeffannu

Qophii: Abu Ibtisaam

Qajeellummaa fi gad dhaabbannaa nama tokkootiif qur’aanni haalaan barbaachisa. Karaan gaariin gara Rabbii ittiin dhihaachuu dandeenyuunillee kalaamuma isaa irra deddeebinee dubbisuudhaani. Dabalataan Qur’aana irra deddeebi’anii dhaggeeyfachuu fi qara’uun hiikkaa isaa akka hubannuu fi saniinis qajeelluma akka argannu of godhuu dandeenya.

Qur’aanni waan qalbii keessa ceccehaa nu cinqu hundaaf deebisaa qabatee jira. Qur’aanni jechoota yoomillee dhagahamanii hin quufamneen, qalbitti haasawaa tasgabbii fi sabaata akka qabaannu nu taasisa.

Rabbi Qur’aana isaa Faatihaan eega baneen booda wanti nuu himes waan ajaa’ibaati. Suuraa Al baqaraa aayaa 2ffaa irratti

Kun Kitaaba mamiin isa keessa hin jirreedha; warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama.

Kanaaafuu kitaaba mamiin keessa hin jirree fi qajeelfama of keessaa qabu akkamitti itti dhihaachuu qabna?

Kanaafuu Tafsiira qur’aanaa seeraan barachuun, Tajwiida isaa eeganii qara’uun, yeroo dheeraa itti kennanii dubbii isa keessa jiru tafakkuruu fi tadabbura godhuun, akkasumas guyyaa Rabbi uume cufa isa qara’uun qalbii namaa jabeessa.

Ergamaan Rabbii (SAW) qaama ilma namaa kana keessa foon cittuun takka akka jirtu nuu himan. Isiin tollaan wanti hundi ni tola. Isiin hammaannis akkasumas waanuma hundatu hammaata. Isiinis Onneedha jedhan.

Kanaafuu waan onnee teenya tana nuuf tolchu, jabeeffachuun barbaachisaadha. Rabbi Qur’aana keessattis Suuraa Al Furqaan aayaa 32ffaa irratti akkana jedhe;
Akka kanatti onnee kee isaan (Qur’aanaan) gad dhaabuuf jecha Suuta suutaan gad buufne.

Qur’aanni ifaa qalbii keenyaati, jabeeysaa iimaana keenyaati, wabii jireenya keenya kan boriiti. Kanaafuu itti dhihaachuu fi itti fayyadamuuf haa marxifannu. Jiini Qur’aanni keessatti buufame ammoo nutti as dhufutti jira. Kanaafuu onnee teenya qur’aanaaf haa bannu. San gochuudhaaf ammoo osoo Ramadaanni hin seenin, yeroo itti kenninee, walitti dhufeenya waggaa tokko dura addaan kunne san haa sufnu. Walitti haa araaramnu. Warri haga ammaatti qara’aa jirru ammoo ta durii caala haa jabeessinu. Yeroo dheeraa qur’aanaaf kennuu keennaan ni fayyadamna. Fayyadamuu qofa osoo hin taane, milkii dhuma hin qabne arganna. Tanaafuu of haa yaadannu.

Yaa Rabbi qalbii teenya Qur’aanaan nuu bani

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button