Intalti Dubraa Yoo Dhalatte Biqiltuu 111 Dhaaban

Addunyaa tana yoo gad fageenyaan ilaallu wantoota garagaraa heddu xiinxaluu dandeenya. Seerri biyyoota garii nama kofalchiisa, kan garii ammoo nama rifachiisa. Kan nama gammachiisus hin dhabamu. Amalli dachii tanaatis garaagarummaa qaba. Wanti biyya tokkotti jaalatamu biyya birootti kan jibbamu ni jira. Akkaataan jireenya biyyoota tokko tokkoo ulfaataa yoo tahu kanneen jireenya gaarii qabanis hedduudha. Walumaa galatti adunyaa bifa garagaraa qabdu keessa jirra. Teknolojiin wal qabatee, wanti nama fayyadu hedduun dhufeera. Akkasuma kan hammeenya qabus jira. Barruu tana keessatti qabxiilee addaa addunyaan teenya qabdu isinii dhiheessina.
Iswiizarlaand keessatti bineensa Giinii Pig jedhamu tokko qofa kophaa isaa mana keessatti kunuunsuun dhoorkaadha.
Bineensonni haala jireenyaa garagaraa qabu. Kanneen kopha kophaa jiraatan akkuma jiran, warri hoomaan jiraatanis hedduudha. Kanneen keessaa uumamni Giinii Pig jedhamu warra hoomaan jiraatu keessaa isa tokko. Uumamni kun yeroo isaa irra hedduu hiriyyaa waliin taphatuun dabarsa. Waliin sooratan, waliin oliifi gad deeman. Sababa kanaaf fakkaata mootummaan Switzerland bineensa kanaaf jecha seera addaa kan baase. Namni bineensa kana magaalaarraa bitatuu barbaade, tokko qofa bituu hin dandayu. Yoo xiqqaate lama bitee gara manaa deebi’uu qaba. Namni lama osoo manaa qabu tokko jalaa du’e ammoo isa tokkicha qabatee dhaqee kan biraa tokko itti dabalee deebi’uu qaba. Walumaa galatti, Giinii Piig tokko qofa mana keessa kaayanii kunuunsuun Iswiizarlaand keessatti dhoorkaadha.
intalti dubraa Yoo dhalatte biqiltuu 111 dhaaban.
Waan ilmi namaa haalaan barbaadu keessaa tokko ilmoo argachuudha. Daa’ima argachuun badhaasa guddaadha. Haa tahuu malee akka carraa tahee addunyaa guutuu keessatti ilma dhiiraa argachuun akka badhaasaatti ilaallama. Namni intalti isaaf dhalatte ammoo gammachuu heddus hin qabu. Warra Rabbiin rahmata godheef yoo taate malee waan kana irratti namni hedduun rakkoo qaba. Keessattuu Indiyaa keessatti dubartoonni haakima dhaqanii wanti ulfaayan dubra tahuu yoo beekan ofirraa baasu. Indiyaa keessatti intalti ba’aa jiruuti jedhanii amanan. Haa tahuu malee gandi Piplaantrii jedhamtu tan kutaa Rajastaan keessatti argamtu, intalaaf kabajaa addaa qabdi. Garuu kunis waanuma karaa salphaan dhufee miti. Hoogganaa ganda sanii kan ture namni tokko intalti isaaf dhalatte takka jalaa duute. Kun heddu isa gaddisiise. Intala isaa tan duute tanaaf heddu booye. Booda garuu seera addaa baase. Intaltis akkuma dhiiraa badhaasa Rabbiiti. Kanaafuu intalaaf bakka kennuu qabna jedhee seera tume. Seerri sunis intala dhalatte hundaaf biqiltuu 111 dhaabuudha. Haala Kanaan eega seerri kun bara 2006tti karaa godhamee as, biqiltuun 400,000tti dhihaatu maqaa joollee dubraa haarawa dhalataniitiin dhaabameera. Ammas seerri kun hojii irra oolutti jira.
Ameerikaa keessatti dogoggorri yeroo wal’aansaa raawwatamu lubbuu lammiilee heddu galaafatuudhaan sadarkaa 3ffaa irratti argama.
Doktoroonni beekumsa Rabbi isaanii kenneen lubbuu nama hedduu baraaruudhaaf tattaaffatu. Rabbiin ogummaa isaanii Sababaa godhee namni hedduunis harka isaaniitti fayyeera. Haa tahu malee faallaa Kanaatiin namoonni du’anis hedduudha. Akkuma nama wal’aanan sanitti, sababa dogongoraatiinis namni hedduun du’utti jira. Akka gabaasa Yunivarsiitii John Hopkiinsitti; wagga waggaan namoonni 250,000 ol tahan sababa dogongora wal’aansaatiin lubbuu isaanii dhabu. Dhaabbileen biraa ammoo lakkoofsa kana gara kuma 400 ol guddisu. Akkuma hundattuu dogongorri wal’aansaa kun lubbuu lammiilee Ameerikaa galaafatuudhaan sadarkaa 3ffaa irratti argama. Hubadhaa! Ameerikaan biyya guddinaan sadarkaa duraa irratti argamtu. Biyya guddatte tana keessatti lamiileen biyyattii kuma 250 ol tahan sababaa dogongora wal’aansaatiin waggaa waggaan lubbuu isaanii dhabu. Kan biyyoota guddinarra jiranii hoo hangam taha laata? San Rabbumti haa beeku.
Sooftii ykn tishuu oomishuuf jecha guyya guyyaan muka 27,000 tahutu cirama
Sooftiin ykn tishuun meeshaa haalaan dachii tanarratti barbaadamu keessaa isa tokko. Akka addunyaatti namni tishuu kana fayyadamu dhibbeentaa 30 qofa tahus, guyyaa tokkotti tishuu miiliyoona 83 tahutu oomishama. Muka Kilograama 500 tahurraa tishuu maraa 800 qofatu oomishama. Kanaafuu maraa miiliyana 83 oomishuuf muka kuma 27 tahutu guyya guyyaan cirama. Qorannoon mootummaa Kaanaadaatiin godhame akka mul’isutti, bara 1996 irraa kaasee tishuu oomishuuf jecha bosona hektaara miilyoona 11 tahutu mancaafame. Manca’iinsi bosonaa ammoo addunyaa tana gaaga’ama guddaaf saaxilutti jira. Ummanni islaamummaa hin qabne wayta hammaama seenan bishaaniin hin dhiqatan. Kanaaf tishuun ykn sooftiin isaan biratti haalaan barbaadamaa tahe. Osoo namni dachii tanarra jiru hundi yeroo hammaama seenu bishaaniin dhiqatee, silaa bosonni jiruu lubbu qabeeyyiitiif akkaan barbaachisaa tahe kun hin manca’u. haalli qilleensa addunyaatis akka ammaa kanatti hin hammaatu ture.
Qophii: Abuu Ibtisaam