OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa muudama hooggansa haaraya gaggeessuu beeksise

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa muudama hooggansa haarayaa kan geggeesse tahuu gabaasni Biiroo dhimmoota Kominikeeshiinii naannichaa irraa argame ni ibsa.
Hooggaanaan Biroo Dhimmoota Kominikeeshiinii Oromiyaa obbo Addisuu Araggaa akka ibsetti, muudamni hooggansa haarayaa gaggeeffame kun dhimmoota gurguddoo sadi yaada keessa galchuun kan raawwatame jedhe. Kunis rakkoo bulchiinsa gaarii fi kenniinsa tajaajilaa hiikuu, sadarkaa Federaalaatti gahee hooggansaa naannoon Oromiyaa qabu cimsuu fi gahee dargaggootaa fi hayyoonni hooggansa keessatti qaban cimsuu irratti kan hundaaye tahuu beeksise.

Haaluma Kanaan muudama hoggansa haarayaa keessaa Kantibaan magaalaa Shashamannee Aadde Xayyibaa Hasan Itti aantuu Prezdaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa, Kantibaan magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Aadde Caaltuu Saanii hooggantuu Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa, Kantiibaan magaalaa Adaamaa Aadde Adaanech Abebee Itti gaafatamtuu waajjira OPDO tahuun muudaman.

Ministeerri dhimmoota Kominikeeshiinii Federaalaa Dr. Nagarii Leencoo ammoo hoogganaa Biiroo dhimmoota Kominikeeshiinii naannoo Oromiyaa tahuun kan muudame yoo tahu, Obboo Addisuu Araggaa ammoo hoogganaa Boordii OBN fi Itti gaafatamaa ijaarsa Baadiyyaa wajjiira jiddu galeessaa OPDO tahuun muudame. Walumaa galatti Sadarkaa naannoo, Godinaa fi bulchiinsa magaalotaa irratti rammaddiin muudamaa 23 kan gaggeefame tahuun beekameera.

Comment

Related Articles

Back to top button