header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Ameerikaan biyyoota Afrikaa  waliin shaakala waraanaa geggeessuuf tahuu beeksiste

Shaakalliin waraanaa Justified Accord 2019 jedhamee moggaafame kun July 15-31/2019 Ityoophiyaa keessatti kan geggeeffamu yoo tahu,  Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa heddu irratti kan hirmaatan tahuu imbaasiin Ameerikaa Finfinnetti argamu beeksise.  Dabalataanis Braaziil, Kaanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaan, Neezarlaand, Briiteen, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaa, Eejensii Misooma Idil Addunyaa Amerikaa, Inistiitiyuutiin Nageenya Ameerikaa, Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa ni hirmaatu.

 

Kaayyoon shaakallii waraanaa kun dandeetti  waraana nagaya kabachiisaa naannichaa Somaaliyaa keessatti  bobbaafamee cimsuu tahuu ibsame.

Haaluma kanaan loltoota 1,100 akksumas qaamolee mootummaa biyyoota gara garaa  fi hoggantoonni dhaabbilee idil addunyaa shaakallii kana irratti ni hirmaatu jedhamee eeggama.

Biyyoota Afrikaa shaakala waraana kana irratti ni hirmaatu jedhaman jidduu;  Buruundii, Jibuutii, Keeniyaa, Somaaliyaa, Ityoophiyaa fi Ugaandaan keessatti argamu.

Ameerikaan shaakallii kanaaf Doolara miiliyoona jaha Ityoophiyaaf kan ramadde tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Ameerikaan haaluma wal fakkaatuun shakallii waraana kana bara 2017 keessas Finfinnetti qopheessuun ni yaadatama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button