header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Komishiinarri ejansii mirga Namoomaa, namoota hidharraa hiikaman waliin mari’ate

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti komishiinarri mirga namoomaa Zayid Ra’ad Al Huseen haala qabiinsa mirga namoomaa Itoophiyaa ilaalchisee mootummaa fi qaamolee hawaasaa waliin mari’achuuf guyyaa lama dura Itoophiyaa seenuu isaa gabaasuun keenna ni yaadatama.

Haaluma kanaan Mr Zayid Ra’ad Al Huseen ganama hardhaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal dabalatee namoota dhiheenya kana mana hidhaa irraa lakkifamanii fi Aktiivistoota waliin hala mirga namoomaa fi Siyaasa, akkasumas haala manneen hidhaa biyyattii irratti kan mari’ate tahuun bekkame. Namoota Komishiinaricha waliin mari’atan jidduu Dr Mararaa Guddinaa, Gazexeessaa Iskindir Naggaa, Barsiisaan Yunivarsiitii Amboo Obbo Siyyum Tashoomaa fi namoonni birootis hirmaatanii jiru.
Haaluma walfakkaatuun hardha waaree booda Komishiinarichi Muummicha Ministeeraa Dr Abiy Ahmad waliin kan mari’ate tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button