header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Afrikaan Kibbaa Imbaasii fi Kaampaaniiwwanii daldalaa Naayijeeriyaa keessaa qabdu cufte

Afriikaa Kibbaa keessatti haleellaa fi saamichi lammiilee biyyoota biroo irratti xiyyeeffate kan itti fufe yoo tahu, lammiileen Naayijeriyaa qabeenya mootummaa Afrikaa Kibbaa biyya isaanii keessatti argamu irratti tarkaanfii haloo bahuu kan fudhataa jiran tahuu gabaafame. Kanuma hordofuun  Afrikaan Kibbaa imbaasii magaalaa Abujaa jiru dabalatee, kaampaaniwwaan Abujaa fi Leegos keessaa qabdu kan cufte tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Haaluma wal fakkaatuun biyyoonni Afrikaa heddu hariiroo daldalaa Afriikaa Kibbaa waliin qaban kan dhaabaa jiran yoo tahu, lammiileen isaaniitis gara biyyattii akka hin imalle gorsaa jiran.

 

Odeeyfannoo wal qabateen, Lammiileen Oromoo Afrikaa Kibbaa jiraataan qabeenyi isaanii saamamuu fi Dukkaawwan heddu ibiddaan kan barbadaa’an tahuu ibsan. Haleellaa fi saamichaa biyyattii keessatti hammaate kanaan wal qabatee, lammiileen Oromoo dilbata dabre Johannesburg keessatti ajjeefaman lamaan guyyaa kaleessaa kan awwaalaman tahuun beekamee jira.

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button