header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Obbo Baqqalaa Garbaa walgahii dhaabbanni “Atlantic Council” qopheesse irratti hirmaachuuf Ameerikaa seene.

Itti Aanaan Dura Ta’aa Paartii Kongirasii Federaalistii Oromoo Obbo baqqalaa garbaa walgahii dhaabbanni Atlantic Council jedhamu qopheesse irratti hirmaachuuf har’a Ameerikaa kan seenu tahuun beekame. Obbo Baqqalaan ganama har’aa Waashingto DC buufata Xiyyaara Dullus yeroo gahetti simannaan hoo’aan kan godhameef tahuu gabaasni argame ni mul’isa.

Dhaabbanni Atlantic council jedhamu Kora qopheessu irratti biyyoota addunyaa hunda irraa, hoggantoota haawaasa isaanii biratti fudhatama qaban affeeruun muuxannoo isaanii akka qoodan godha. Haaluma kanaan dhaabbatichi bara kana Itoophiyaa irraa Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Obbo Baqqalaa Garbaa, gaazexeessaa Iskindir Naggaa fi Obbo Andu’alem Arraagee kan affeere yoo tahu, Ustaaz Ahmaddiin Jabalii fi Obbo Andu’alem Arraagee Imbaasiin Ameerikaa Finfinnetti argamu Visaa kan dhoorkate tahuu gabaasuun keenna ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button