header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa fi Emreets  yakkoota faayinaansii daangaa cehan waliin ittisuuf walii galan

Ministeerri haajaa alaa Dr Warqineh Gabayyoo fi  ministeerri haajaa alaa Emreets Sheikh Abdullah Bin Zaayid Al-Nahyah Isniina kaleessaa Abu Daabii keessatti kan mari’atan yoo tahu, yakkoota faayinaansii daangaa cehan ittisuu irratti, akkasumas yakkootni kun yoo raawwatamanii argaman ammoo waliin qorachuudhaaf kan walii galan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

Abbaan Alangaa walii galaa Federaalaa  Obbo Birhaanuu Tsaggaayee marii kana irratti kan hirmaate yoo tahu,  yakkoota Investimantii, bittaawwan gara garaa fi maallaqa daddabarsuu waliin wal qabatan qorachuu fi seeratti dhiheessuudhaaf walii galtee kan mallatteessan tahuu ibsi ministeera haajaa alaa irraa bahe ni mul’isa.

 

Dabalataanis haala hojjattoonni lammiilee Ityoophiyaa Emreets keessatti bobba’an irrattis, qajeelfama seera qopheessuudhaaf sanadii walii galtee kan mallatteessan tahunis beekameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button