header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Lammiileen Indoneezhiyaa sochii Ameerikaan Imbaasii Isii gara AL-QUDSI jijjiiruuf jalqabde balaleefatan.

Mootummaan Ameerikaa dhuma waggaa darbee labsii Imbaasii isaa kan Isra’eel magaalaa Telaviiv keessaatti argamu gara magaalaa Al-QUDSI jijjiiru labsuun ji’a kana May 14/2018 hojii irra olchuuf sochii jalqabe. Kanuma hordofuun mootummoonni Addunyaa tarkaanfi Ameerikaa kana balaalefataa turan. Haata’u malee Pirezadaantiin Ameerikaa ibsa guyyaa dheengaddaa kenneen torbee dhuftu keessa hojii irra oolchuuf qophiin xumuramuu ibse.

Kanuma hordofuun lammiileen Indoneezhiyaa kumaatamaan lakka’aman guyyaa hardha magaalaa gudditii Jaakartaa keessatti tarkaanfii mootummaa Ameerikaa kana balalefataa oolan.

Lammiileen Indooneezhiyaa hiriira bahan kun Muslimoonni Addunyaa Falisxiinootaaf akka deeggarsa godhan akka itti fufaanii fi oomishaalee Kampaniiwwaan mootummaa Isra’eel akka hin faayyadamneef waamicha dabarsan.

Poolisiin magaalaa Jakartaa, Namoonni hiriira kana Irratti argamuun karaa nagayaan mormii geggeessaa turan yoo diqqaate 30,000 ni gahu jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button