header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Iiraan Sagantaa Niwukilarii gabbisuu dhaabdee turte jalqabuudhaaf kan qophaayaa jirtu tahuu qondaalli biyyattii tokko hime.

Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti biyyoonni miseensa dhaabbataa  mana marii nageenyaa Shananii fi Jarman (P5+1)  sagantaa Niwukilarii Iiraan ilaalchisee bara 2015 Iiraan waliin waliigaltee mallatteessuu isaanii hordofuun, Iiraan Niwukilarii Sadarkaa meeshaa waraanaatitti gabbisuu dhaabdee turte. Haata’u malee Prezdantiin Ameerikaa ji’a dabre keessa Ameerikaan waliigaltee san keessaa bahuu beeksise. Kanuma hordofuun Iiraan biyyoonni shanan hafan waliigalteen kun guutumatti akka hin diigamneef carraaqqii qabatamaa yoo kan hin goone tahe, Sagantaa Niwukilarii gabbisuu dhaabdee turte kan jalqabdu tahuu akeekkachiifte.

Kiibxata kaleessaa hoogganaan Ejensii Humna Niwukilarii Iiraan Ali Akbar Saalih, “yeroo barbaachisetti Yuraaniyemii sadarkaa meeshaa waraanatti gabbisuuf qophii hunda xumurree jirra. “jechuu isaa miidiyaaleen Iiraan gabaasan.

Gama biraatiin ammoo sagantaa Niwukilarii Iiraan ilaalchisee Ameerikaan Iiraan waliin waliigaltee haaraya mallatteessuudhaaf wixinee  haaldureewwan heddu qabu kan qopheessaa jirtu tahuu beeksifte. Iiraan wixinee waliigaltee haaraya kana yoo kan hin fudhanne tahe, qoqqobbii cimaa  irra kaayuudhaaf qophaayaa kan jirtu tahuu ministeerri haajaa alaa Ameerikaa Maayik Pompiyoo beeksise.

Biyyoonni jahan(P5+1) bara 2015 Iiraan waliin waliigaltee Niwukilarii mallatteessanii turan Ameerikaa, Briteen, Fransaay, Chaayinaa, Raashiyaa fi Jarman.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button