header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Bulchaan Godina Naayiroobii Maayik Soonkoo malaamaltummaan shakkaamee hidhame

Daayirektarri Abbaa Alangaa Keeniyaa Nuuraddiin Hajjii Jum’aa har’aa ibsa kenneen, Bulchaa Godina Naayiroobii dabalatee qondaaltonni mootummaa 15 to’annaa jala akka oolan kan ajaje yoo tahu, kanuma hordofuun Bulchaan Godina Naayiroobii Maayik Soonkoo gara Mombaasaa imalaa osoo jiru, humnoota tika mootummaatiin qabamee hidhamuu miidiyaleen biyyattii gabaasan.

Maayik Soonkoo akkuma too’annaa jala oolfameen abukaatonni isaa mirga wabii kan gaafatan yoo tahu, abbaan alangaa farra malaamaltummaa biyyattii “Mr Soonkoon seera cabsuun akka hin qabamne dhokatee gara Mombaasa baqataa waan tureef mirgi wabii akka hin kennamneef”jechuun gaafate. Manni Murtichaatis mirga wabii dhoorkachuun Wixata dhuftu hanga deebi’ee dhihaatutti buufata Poolisii keessa akka turu ajaje.

Abbaan Alangaa Keeniyaa Mr Nuuraddiin Hajjii ibsa ganama har’aa kenne irratti, Maayik Soonkoo caalbaasii mootummaa heddu adeemsa seeraatiin ala namoota isatti dhihaataniif dabarsee kennuu, ragaalee sobaa qopheessuun maallaqa seeraan alaa dhuunfachuu fi qabeenya ummataa gara dhunfaatti jijjiiruu, akkasumas bajata mootummaa seeraan ala fayyadamuu isaa ragaan gahaan qorannoon mirkanaahe jiraachuu hime.

Mr Soonkoon kanaan dura qorannoo malaamaltummaa abbaan alangaa isaratti geggeessaa ture, “shira siyaasaati”jechuun akka irraa dhaabbatuuf mana murtiitti kan iyyatee ture tahus fudhatama hin arganne.

Keeniyaan biyyoota addunyaa malaamaltummaan keessatti babal’ate jidduu adda duree yoo taatu, mootummaan Prezdaant Uhuruu Keeniyaataa yeroo dhihoo asitti, rakkoo kana furuuf duula farra malaamaltummaa kan labse tahuu ibsame. Haaluma kanaan Ministeerri Maallaqa biyyattii Henrii Rootich Adoolessa dabre malaamaltummaan shakkamee too’annaa jala oolfamee ture. Haata’u malee qondaalli mootummaa hanga ammaatti itti murtaahe tokkollee kan hin jirre tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button