header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaEeshiyaaOdeeyfannoo

Yunivarsiitiin Khartuum Doktareetii Kabajaa Prezdaantii Turkiyaatii kenne


Prezdaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan daaw’annaa biyyoota Afrika sadii keesasatti karoorfateef Alhada dabre Sudaan seene. Erdogaan mootummaa fi ummata Sudaan irraa simannaan  hoo’aa ta’e kan godhameef yoo tahu, guyyaa kaleessaa ammoo Yunivarsiitiin Khartuum Doktoreetii kabajaa kan kenneef tahuu gabaasni Ejensii odeeyfannoo Sudaan ni ibsa.
Sagantaa kabajaa kana irratti Itti aanaa Prezdaantii Yunivarsiitii Suudaan kan tahe Profeesar Ahmad Muhammad Suleeymaan haasaya godheen “Yunivarsiitiin Khartuum Doktoreetii Kabajaa kana Prezdaant Erdogaaniif kennuuf kan murteesseef, Erdogaan dhimmoota gurguddoo addunyaa fi naannoo keenyaa irratti gahee ol’aanaa tahe fudhachuun galmaan gayuudhaaf hooggansa cimaa tahe kennuu isaatiin”jedhe.
Prezdaant Erdogaan biyyoota addunyaa heddu keessatti namoota sababa akka waraanaa ,beelaa, balaa umamaa fi kanneen birootiin miidhamaniif  dursee dhaqqabuudhaa fi addunyaa irrattis sagaleen isaanii akka dhagayamuuf hoogganaa hojjataa jiruudha. Bara dabre keessa qofa lammiilee suuriyaa biyya Isaanii irraa baqataniif lammuummaa Turkiyaa kan kennuuu fi Muslimoota Rohingiyaatiif dursee garagaarsa adda addaa akka argatan kan taasise yoo tahu, dhimmaa Falasxiin irrattis adda durummaadhaan kan socho’aa jiru tahuun ni beekkama.
Torbaan lamaan dabran keessa dhimma Alquds ilaalchisee biyyoonni Muslimaa tokkummaadhaan labsii Traamp akka mormanii fi Korri Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitis labsii san akka kuufisu gayeen   Prezdaant Erdogaan guddaa akka ture ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button