header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Aanaa Nansaboo keessatti balaa sigiga lafaatiin lubbuun namoota 22 dabre

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nansaboo ganda Tulluu Goolaa buufata Beloo jedhamu keessatti, kaleessa galgala naannawa Sa’atii tokkoo irratti Rooba cimaa roobe hordofuun balaan sigiga lafaa tasa uumame yoo xiqqaate lubbuu namoota 22 galaafate. Hawaasni naannichaa guyyaa hardhaa namoota balaa kanaan dhoqqee jalatti awwaalaman baasuudhaaf yaalii godheen reeffaa dubartii 11 fi dhiira 11 kan baasan tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Balaa tasa uumame kanaan manneen jireenyaa 9 fi beeyladoota Manaa heddu akkasumas qabeenyi oyiruu Bunaa, Caatii, Abukaadoo, Weessii fi kanneen biroo lafa heektaara torbaa ol irra ol irra ture kan barbadaaye tahuun beekameera. Walumaa galatti lubbuu namaa fi beeyladaatiin alatti qabeenyi qonnaa manca’e birrii Miliyoona 2.5 olitti kan tilmaamame akka tahe gabaasni naannicha irraa nu dhaqqabe ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button