header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo BiyyaaUSA

Yunivarsiitiin Islaamaa kan Mineesotatti argamu (IUM) barattoota barsiisaa ture eebbisiise

Ameerikaa Kaabaa Kutaa Mineessotaatti kan argamu Islamic University of Minnesota (IUM); barattoota intarneetaan online barsiisaa ture magaalaa Finfinnee hoteela Ummaatti eebbisiisee jira. Sagantaa eebbaa September 15, 2022 gaggeeffame kanarratti barattoota dhiiraa 7 fi dubartoota 3 kan eebbisiise yoo tahu, eebbifamtoota keessaa muraasni;

 

  • Sheikh Alii Jimmaa (itti aanaa dura ta’aa imaammanii fii du’aatota Oromiyaa)
  • Sheikh Mahmuud Huseen (Hogganaa Ma’aahada Ansaar ykn Ayyarxeenaa)
  • Ustaaz Amaaan Guddataa/Abu Uweeys (hogganaa dhaabbata qorannoofi seenaa gaanfa Afrikaa (Horn of Africa Historical Studies Centre)
  • Ustaaz Umar Arsii (Barreessaa fi Qorataa Seenaa Islaamaa)
  • Dr Muhammadsaalih Jamaal (Daayreektara TV Hamiltan) fii barattoonni biroo 5 Digrii 2ffaa ykn Maastarsiifi PHD dhaan eebbifamaniiru.

 

Sagantaa eebbaa kanarratti gosa barnootaa barataa turaniin hawaasa Muslimaa tajaajiluufis waadaa galaniiru. Sagantaa kana irratti keessummooni gurguddoon iddoo adda addaa irraa dhufan, Majlisni federaalaa, Majlisni oromiyaa fi Majlisni Magaalaa Finfinnee waltajjicha irratti hirmaachuun qooda fudhatanii jiru. Islamic University of Minnesota (IUM) barattoota isaa eega Eebbisee booda, Damee haaraya Magaalaa finfinneetti kan bane tahuus beeksisee jira.

 

Nuuralhudaa

Soora Qalbii Muslimaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button