header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Naayjeeriyaa keessatti Barattuun Seeraa takka Hijaaba uffachuu isiitiif sirna eebbaa irratti akka hin hirmaanne dhoorkamte.


Naayjeeriyaa keessatti barattuun Seeraa takka sababa Hijaabaatiin sirna eebbaa irratti akka hin hirmaanne dhoorkamuun isii biyyattii keessatti mormii cimaa uume. Amaasaa Firdaaws Abdussalaam Kolleejjii seeraa Naayjeeriyaa magaalaa Leegostti argamuu keessatti barumsa seeraa eega xumurtee booda, Kiibxata dabre december12/2017 sirna eebbaa irratti hirmaachuuf gara galama Konfaransii biyyoolessaa imalte.

Wayta hulaa galma eebbaa ol seenuuf deemtu Qondaalttonni Kolleejichaa, seera uffaannaa waan cabsiteef gara galmaa hin seentu, hayyaama ogummaa seeraatis hinfudhattu jedhaniin. Amaas Firdaws seera uffaannaa hundaa guuttee kan dhiyaatte akka ta’ee fi gonfoo mataatti uffatan jalatti hijaaba uffachuun isii dirqama amantii isii waan ta’eef kan hin mulqanne ta’uu beeksifte. Amaas Firdawus Abdussalaam dhaabbanni seera Barsiisu mirga amaantaa isii akka dhiibee fi heera Naayjeeriyaa kan cabse ta’uu ibsuun, dhimma isii mana murtiitti dhiheeffachuuf kan qophaayaa jirtu tahuu beeksisfte.

Waaldaaleen seeraatii fi dhaabbiileen gara garaatis dhimmaa Amaas Firdaawus ilaalchisee yaada gara gara dhiheessaa jiru. Gareen tokkoo, sababa hijaabaatiin Amaas mirgi eebbifamuu fi hayyama ogummaa seeraa dhoorkamuu hin qabdu yoo jedhan, warri kuun ammoo seerri uffannaa dhaabbatichaa kabajamuu qaba jechuun falmaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button