header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hiriira mormii Juma’aa boru biyya keessaafi alattiis gaggeefamuuf qophiin xumuramuun ibsame

Jum’aa dabre (halkan December 20) naannoo Amaaraatti haleellaan shoorarkeessitootaan Masjidoota 4 irratti raawwatamuun ifa. Gocha badii raawwatame kana, Koreen fala barbaadduu hawaasa Muslimaa Juma’aa boru ummanni Muslimaa biyya keessaafi alaa akka balaaleeffatan waamicha godhuun ni yaadatama.

Kanuma hordofuun biyya keessa magaalota gara garaatti ummanni hiriira mormii kana geggeessuuf qophii isaa xumuruun ibsame.

Hiriira mormii kanaaf magaloota Oromiyaa hedduutti , Hawaasni Muslimaa dhaadannnoowwan gara garaa qopheessuun hiriira kana nagayaan geggeessee xumuruuf qophii tahuu ibsan.

Haaluma wal fakkaatuun lammileen Ityoophiyaa biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa kaabaa jiran hiriira mormii kana geggeessuuf qophii irra jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

6 Comments

  1. Assalamua aleyekum Warhmatullaahi wabarakaatuh akkam nagaya naaf qabdani hundi keessan qoppesitoota Nural huda duraan durse aduniya fi akiratti isin haa milkeesu milkii biyya lachuu rabbiin isin haa fedhu 😭 Aduwwi islaama rabbiin cilee bishaan bute kan diin balleesurratti garagaarame fi kan gargaares insha allah rabbiin nasrii nuuf haa fidu Amin

  2. Assalamua aleyekum Warhmatullaahi wabarakaatuh akkam nagaya naaf qabdani hundi keessan qoppesitoota Nural huda duraan durse aduniya fi akiratti isin haa milkeesu milkii biyya lachuu rabbiin isin haa fedhu 😭 Aduwwi islaama rabbiin cilee bishaan bute kan diin balleesurratti garagaarame fi kan gargaares

  3. Assalamu’aleeykum woraahmaatullah wobarakaatuh
    Rabbiin Milkii/Nasri nu haa gonfaachiisu iddoo olomaa’otaa, Ustaazoota fi daw’iwwaan teena jiran marattii Rabbiin nagaaha fi rahmaata haa jiraachisuu Rabbiin Adaawi Garaa keenna gubdee tana irraa nu haa olchuu Gubaata isii ijaan nu haa agarsiisuu inshaa’allaah

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button