header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Naannolee heddu keessatti walitti bu’iinsi hammaachaa dhufuun gabaafame

Weerarri Liyyuu Poolisiin naannoo Soomalee godina Harargee Bahaa aanaa Cinaaqsan keessatti raawwatu guyyaa har’aa itti fufuun namootni afur ajjefamanii lama ammoo kan madayan tahuu gabaasni arganne ni ibsa. Aanicha keessatti haleellaa liyyuu poolisitiin guyyoota afran dabran keessatti qofa namootni 17 akka ajjeefamanii fi 25 ammoo kan madaayan tahuun beekame.

Gama biraatiin ammoo Bulchiinsa Naannoo Kibbaa Magaalota walqixxee fi Hawaasaa keessatti walitti bu’iinsa uumameen lubbuu namaa fi qabeenyi kan bade tahuu gabaasni naannicha irraa argame ni mul’isa. Magaalaa walqixxee keessatti walitti bu’iinsa Saba Qabeenaa fi Guraagee jiddutti uumameen lubbuun namaa fi qabeenya heddu irratti miidhaan cimaan gahee jira. Walitti bu’iinsi guyyaa dheengaddaa jalqabame har’as kan itti fufe tahuu ganaasni arganne ni mul’isa.

Haaluma walfakkaatuun naannoo Kibbaa Magaalaa Hawaasaa keessatti guyyaa dheengaddaa ayyaana waggaa haaraya Ummata Sidaamaa irratti mormii jalqabame hordofuun tarkaanfii humnoonni mootummaa fudhataniin namoonni heddu miidhamanii jiru. Mormii guyyaa hardhaa Magaalaa Hawaasaa keessatti geggeeffame irratti loltoonni makkalaakayaa dhukaasa baniin lubbuun namaa dabruun beekamee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button