OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Abbaan Alangaa Federaalaa Namoonni hidhamtoota irratti miidhaa hamilee fi qaamaa dhaqqabsiisan kan qorataman tahuu ibse.
Manneen hidhaa biyyattii keessatti namoonni yakkamanii hidhaman sababa qorannoo gaggeessina jedhuun gochi sukkaneessaan isaan irratti raawwatamaa akka ture eega hidhaa irra bahaniin booda ibsa jiru.
Abbaan Alangaa Federaalaa Obbo Birhaanuu Tsaggaayee haala kamiin gochi sukkaneessaan kun hidhamtoota irratti akka raawwatamaa ture, koreen addaa dhimmicha qoratu kan hundeeffamu tahuu ibse.
Obbo Birhannuun akka jedhetti:
“Namni tokko tokko too’annaa jala oolfamuun dura yakka raawwatuuf dhiisuun isaa qulqullaa’u qaba; eega too’annaa jala oolfamee booda qulqulleeffachuun Seeraan ala, qaamolee manneen hidhaa keessatti gocha kana raawwatanii fi haalli itti raawwatame qooratamee tarkaanfiin ni fudhatama” jedhe.