header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Qondaaltonni Qaxar mootummaan Sa’udii Hujjaajota biyya isaanii gara  Makkah akka hin seenne uggure jechuun himatan

Baay’inni hujjaajotaa Qaxariif hayyamame 1,200 tahus, sirna hajjii bara kanaa raawwachuuf Qaxar irraa galmaayuun kan hin danda’amin tahuu qondaaltonni Qaxar beeksisan. Mootummaan Sa’udii ji’a lama dura galmee sirna hajjiitiif hujjaajota Qaxarii Weebsaayitii addaa qopheessuu ibsee ture. Haa ta’u malee mootummaan Qaxariif ejensiiwwan imalaa akka jedhanitti, weebsaayitiin jedhame kun waan uggurameef Qaxar irraa galmaayuun hin danda’amne.

 

Hoogganaan dhaabbata mirga namoomaa Qaxar Abdallah Al-Kaabi akka jedhetti, Sa’udiin weebsayitii ejeensiiwwan imalaa Qaxar irra gara biyyattii seenuudhaaf hayyama ittiin fudhatan hunda cuftee jirti. “Hajjii bara kana raawwachuudhaaf Qaxar irraa namni tokkollee gara Sa’udii seenuu hin dandeenne”jechuun Roytersitti hime.

 

Waxabajjii bara 2017 irraa eeggalee Sa’udi, Emreets, Bahreeyn fi Masri hariiroo Qaxar waliin qaban hunda addaan kutuun, uggura imala qilleensaa, Galaanaa fi lafoo irra kaahuun ni yaadatama. Sa’udiin bara dabre hujjaajota Qaxarii fi daangaa isii bantee turte. Mootummaan Sa’udii himannaa ammaa kanas hin fudhatu. Qaxar sirna hajjii dhimma siyaasaa godhuuf yaalaa jirti jechuun himannaa irratti dhihaate haalaa jira.

 

Yeroo ammaa Sirna hajjii bara kanaatiif hujjaajonni miiliyoona 3 ol tahan guutuu addunyaa irraa gara Makkaa kan seenan yoo tahu, walakkeessa halkan Sabtii har’aa gara Minaa imaluun sirna Hajjii kan jalqaban tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button