header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Guuttuu Addunyaa irraa lakkoofsi Namoota COVID-19 qabamanii miliyoona 15 dabre

Guuttuu Addunyaatti lakkoofsi namoota COVID-19 qabamanii walumaagalatti miliyoona 15 ol dabru, kan dhibee kanaan du’uun isaanii mirkanaawe immoo 617,832 dabruu fi akkasumas namoonni 9,382,400 immoo dhibee Kana irraa dandamachuu ragaan Yunivarsitii Joon Hopkiins irraa argame ni mul’isa.

Akka ragaa kanaatti biyyoota Addunyaa irraa tatamsaa’an dhibee kanaa keessatti hammate walduraa duubaan Ameerikaa, Biraaziil, Indiyaa, Raashiyaa, Afrikaa Kibbaa fi Peeruu yoo tahan. Akkasumas Biyyoonni lakkoobsa namoota dhibee kanaan lubbuun Isaanii dabran guddaa galmeessan immoo walduraa duubaan Ameerikaa, Biraaziil, UK fi Meeksikoo tahuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button