header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gamtaan waraana Arabaa buufata Xiyyaara Hudeeydaa too’achuu beeksise

Gamtaan waraana Arabaa Sa’udii fi Emreetiin hoogganamu waraana lafoo mootummaa Yaman waliin tahuun, torbee dabre  magaala Hudeeyda tan to’annaa finciltoota Huusii jala jirtu irratti duula cimaa jalqabuun isaanii ni yaadatama.

Gamtaan waraana Arabaa akka jedhutti, buufatni Xiyyaaraa magaalaa Hudeeydaa keessatti argamu guututti to’aannaa waraana mootummaa Yaman jalatti argama. Humnoonni mootummaa Yaman daandii magaalota Sana’a fi Hudeeydaa walqunnamsiisu akka cufanii fi finciltoonni Huusii humna dabalataa akka hin arganne kan godhan tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

https://youtu.be/hhpcvHt4uZI

Buufatni doonii fi magaalan Hudeeydaa ammas too’annaa finciltootaa jalatti argamti. Buufatni Doonii Hudeeydaa kun nyaataa fi gargaarsi gara Yaman kan itti seenuu fi akkasumas boba’aan gara biyya alaatti kan ittiin bahu. Gamtaan waraana Arabaa fi mootummaan Yaman ammoo, Iiraan meeshaalee waraanaa buufata kanatti fayyadamuun finciltoota Husiitiif gara Yaman seensifti jechuun himatu.

Lola gara magaalattiitti dhihaachaa dhufe hordofuun, yeroo ammaa ummanni kumaatamaan lakkaahamu manaa fi qabeenya isaanii lakkisanii baqataa kan jiran tahuun beekameera. Kun immoo hanqina nyaataa fi dawaa walqabatee gaga’amni hamaan ni muudata sodaan jedhu kan jiru tahuu gareewwan gargaarsaa ibsaa jiru.

Hudeeydaa1

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button