Ajajaa Ol’aanaa Humna Qilleensaa kan ture Jeneraal Aadam Muhaammad Daarektara Muummee Tajaajila Nageenyaa fi Basaasa Biyyoolessaa (NISS) tahuun mudamuun isaa ni yaadatama. Kanuma hordofuun muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad, Jeneeraal Yilmaa Mardaasa Nyaaphaa Ajajaaa Ol’aanaa Humna Qilleensaa godhuun muude.
Related Posts
Haaluma wal fakkaatuun Jeneraal Birhaanuu Juullaa Galalchaa Itti aanaa ajajaa humnoota waraanaa fi hoogganaa damee Opireeshiinii waraana biyyoolessaa tahuun yoo muudamu, Letenaal Jeneraal Mollaa Haylamaariyaam ammoo qindeessaa damee Loojistikii Rayyaa ittisaa tahuun muudame.