header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa gaaffii Manni Maree Naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf dhiyeesse kan hin fudhanne ta’uu beeksise

Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa, gaaffii Manni Maree naannoo Tigraay filannoo gaggeessuuf boordichi akka raawwachiisuuf dhiyeesse ilaalachisee ibsa baaseen, Manni Maree naannoo Tigraay filannoo marsaa 6ffaa gaggeessuuf murtoo dabarseen akkaataa heeraa mootummaa FDRI Boordiin Filannoo Biyyaalessa Ityoophiyaa murticha fudhachuun filannoo akka raawwachiisuuf, filannicha gaggeessuuf ammoo humna namaa fi loojistiksii barbaachisuu akka qopheessuu fi akkasumas murtii isaa mana marichaaf akka beeksisu kan gaafatee ture tahuu ibse.

Boordichi ibsa isaa kanaan, Sadarkaa federaalattis ta’ee naannootti aangoon filannoo raawwachiisuu kan Boordii Filannoo Biyyaalessaa qofaa ta’uu heera mootummaa keeyyata 102 muraa 1 jalatti akka tumame ibsuun, haaluma kanaan Boordichi filannoo raawwachiisuuf qophii barbaachisu geggeessaa osoo jiru, sababa weerara vaayrasii koroonaatiin qophiin godhamaa ture gufachuu beeksise.

Kanuma hordofuun Boordichi haala weerara vaayrasichaa gamaaggamuun qaama dhimmi ilaalu waliin erga irratti mar’atee booda, filannoo biyyaalessaa 6ffaan karoora yeroo qabamee turetti raawwachisuun akka hin danda’amne murtiin kan itti kenname tahuu ibsi boordichaa kun ni addeessa. Murtii kanas Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka dhiyeesse, Manni marichaas gaaffii dhiyaateef fudhachuun hiikkaan heeraa akka itti kennamu eega murteessee booda, Manni Maree Federeeshiniitis murtii Waxabajjii 3, 2012 dabarseen sababa weerara vaayrasii koroonaatiin filannoo gaggeessuun waan hin danda’amneef Manneen Maree Federaalaa fi naannolee hojii isaanii akka itti fufan murteessee jira jedhe.
Haaluma kanaan Filannoon biyyaalessaa 6ffaa sababa weerarichaan dheerate, haalli jiru qoratamee filannoo gaggeessuun akka danda’amu hanga mirkanaa’uutti Boordiin filannoo biyyaalessa Ityoophiyaa naannoo biyyattii kamittuu filannoo hin gaggeessuu; Manni Maree naannoo Tigraay naannichaatti filannoo marsaa 6ffaa gaggeessuuf murteen dabarsee fi boordichi murticha fudhachuun raawwachiisuu qaba jechuun gaaffiin dhiyeesse bu’ura seeraa kan hin qabne waan taheef fudhatama hin qabu jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button