header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Hiriira nagayaa magaalaa Finfinnee irratti haleellaan boombii raawwatame

Hiriira guyyaa har’aa magaalaa Finfinnee keessatti geggeefame irratti haleellaa Boombii dhaqqabeen namootni heddu kan miidhaman tahuun beekame. Odeeffannoo jalqaba bahe irratti namni 4 ajjeeffamuu miidiyaan mootummaa gabaasee ture, gabaasa boodarra jijjiirameen namni ajjeefame kan hin jirre tahuun ibsameera. Haata’u malee lakkoofsi namoota miidhamanii hospitaalota adda addaa keessatti waldhaanamaa jiran 100 ol akka tahe ministeerri Fayyaa Dr Amiir Amaan fuula feesbuukii isaa irratti beeksise. Namoota miidhaman jidduu 8 ammoo haala hamaa keessa jiran jechuun ibse.

 

Haleellaan kun aggaammii ajjeechaa Muummicha ministeeraa irratti raawwatame akka tahee fi namoota aggaamii kana raawwatan jedhamanii shakkaman jidduu dubartoonni lamaa fi dhiirri tokko too’annaa poolisii jala kan oolan tahuu maddeen gabaasanii jiru.

Haleellaa raawwatame kana hordofuun Muummichi ministeeraa gama Televiziyoonatiin ummatni akka tasgabbaayuuf dhaamsa dabarsee jira. Jijjiirama bulchiinsi Dr Abiy Ahmad fidaa jiru deeggaruun hiriira yaamame kana irratti ummata miiliyoonaan lakkaahamutu hirmaate

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button