header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ustaaz Abdurrahmaan Husseen (Xaalibu Ridallaah) gara Biyyaa deebi’an.

Daa’iin beekamaan Ustaaz Abdurrahmaan Huseen (Xaalibu Ridallaah) Sababaa roorroo mootummaatiif biyyarraa baqachuun isaanii ni beekama. Ustaaz Abdurrahmaan eega biyyarraa bahanii booda hawaasa keenya kan biyya alaa qubatu walitti qindeeysuun hojii boonsaa hawaasa biyya keenyaatiif bu’aa guddaa buuse hojjatanii jiru. Akkuma beekamu Ustaaz Abdurrahmaan Huseen, Amiira walii galaa Garee Sumayyootaaf Bilaalotaa, akkasumas hogganaa miidiyaa Nuralhudaati. Akkasumas Munshidaafii Daa’ii hawaasni biyya keenyaa qabu keeysaa tokko.

Yeroo ammaa kana hayyama Rabbii guddaatiin nagayaan gara biyya isaanii deebi’anii jiru. Guyyaa har’aa godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab, ganda dhaloota isaanii Baamudatti simannaan oowwaan godhameefii jira.

Ustaaza keenya Rabbiin bakka isaan jiranitti nuuf haa tiysu.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button