header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwustraaliyaaOdeeyfannoo

Awustiraaliyaan yakka waraanaa loltoonni isii lammiilee Afgaanistaan irratti raawwataniif dhiifama gaafatte

Loltoonni Awustiraaliyaa qaama waraana idil-addunyaa Ameerikaan hogganamuu ta’uun Afganistaan keessa turan, lammiilee Afgaanistaan heddu seeran ala akka ajjeesaa turan qorannoo waggoota afuriif geggeffamaa tureen mirkanaahee jira.

Humni Waraana Awustiraaliyaa gabaasa qorannoo kanaa ilaalchisee ibsa kenneen, yeroo bara 2006-2016 keessatti yakka hamaa loltoonni Awustiraaliyaa raawwatan jiduu ajjeechaan namoota nagayaa 39 tahan ragaa gahaan mirkanaahuu beeksise. Akka gabaasa kanaati loltoonni Awustiraaliyaa yakka kana keessati hirmatan, hidhamtoota irratti dhukaasuu, qotee bultoota fi namoota nagayaa irratti ilaamaa shaakaluu dabalatee, gochootaa hamaa biroo raawwachuun mirkanaahee jira.

Hogganaan waraana Awustiraaliyaa Jeneraal Angus Campbell ibsa kenneen, “loltoonni keenna lammiilee Afgaanistaan irratti seeraan ala gocha hammeenyaa raawwataniif, mootummaa fi ummata Afgaanistaan dhiifama gaafanna” jedhe. Jeneraal Campbell itti dabaluunis, yakka raawwatameen walqabatee loltoonni durii fi kanneen amma hojii irra jiran 19, kanneen yakka kanaan shakkaman seeratti ni dhihaatan jedhe.

Mootummaan Afganistaan ibsa baaseen, Muummichi ministeera Awustiraaliyaa Scott Morrison prezdaant Ashiraf Gaaniitti bilbiluun gadda itti dhagayame ibsatee dhiifamas gaafatuu beeksise. Mootummaan Afgaanistaan akka jedhetti, yakki raawwatame kan dhiifamaan bira dabramu tahuu dhabaatus, Awustiraaliyaan yakkichi raawwatamuu amanuun isii adeemsa haqaatiif hedduu barbaachisaadha jedhe.
Komishiiniin mirga namoomaa Afgaanistaan gama isaatiin, tarkaanfii mootummaan Awustiraaliyaa fudhataa jiru kan simatu tahuu ibsuun, ammas Awustiraaliyaan loltoota yakka kana raawwatan akka seeraan adabdu, akkasumas yeroo gabaabaa keessatti maatii miidhamtootaatiif beenyaa barbaachisu hatattamaan akka kennitu gaafate.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button