OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Itoophiyaan Boba’aa hin dhimbiibamin oomishuu jalqabde
Kubbaaniyaan Poly G C L jedhamu nannoo Ogaadeen keessatti yeroo dheeraaf boba’aa barbaadaa kan ture yoo tahu, barbaachi sun milkaayuudhaan guyyaa hardhaa yaaliidhaaf Boba’aa hin dhimbiibamin baasuu jalqabe.
Muummichi ministeeraa guyyaa kaleessaa hooggantoota Kubbaaniyyaa Poly G C L waliin eega mari’atee booda ibsa kenneen, “Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif yaalii boba’aa oomishuu guyyaa boruu ni jalqabdi” jechuun beeksise. Boba’aan hin dhimbiibamin kun Warshaalee Simintoo biyyattii keessa jiraniif kan raabsamu tahuun beekameera.