header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Taayilaand Ijoolleen Afur Holqa keessa kan baraaraman tahuu beeksise

Torbaan lama dura Taayilaand keessatti  ijoolleen 12 fi leenjisaan kubbaa miilaa tokko holqa guddaa keessatti eega dhabamanii guyyaa 9 booda argamuun isaanii ni yaadatama. Holqa galaanaan guutamee fi dachii godduu irraa fagoo tahe kana keessaa garee kubbaa miilaa kana baraaruuf mootummaan biyyattii qophaayaa kan ture yoo tahe, duula ijoollee kanniin baraaruu har’a jalqabameen hanga ammaatti  ijoolleen afur holqicha keessaa kan baafaman tahuu qondaaltonni biyyattii AFPtti himan.

 

Duulli ijoollee fi leenjisaa isaanii baraaruu kana irratti gareen daaktotaa fi ogeeyyiin holqaa sagal kan hirmaataa jiran yoo tahu, duulli kun guyyoota muraasa keessatti kan xumuramu tahuu ibsame. Guyyaa kaleessaa oggeessi holqaa miseensa waraana Taayilaand tokko,  qilleensa Oksijiinii ijoollee kanniiniif geessee yeroo deebi’aa turetti qilleensi Oksijiinii inni itti fayyadamaa ture jalaa dhumuun kan du’e tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button