header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Weerarri Liyyuu poolisii naannoo Somaalee gandoota Aanaa Cinaaqasan keessatti hammaatee itti fufee jira

Liyyuu poolisiin naannoo Somaalee har’a waaree booda Harargee Bahaa Aanaa Cinaaqsan Araddaalee Malawlee fi Biyyoo keessatti lola banteen yoo xiqqaate namoonni afura madaayan. Namoonni madaayan kunniin Hasan Habiib, Muhammad Musee Shugir, Hasan Farah fi Ibraahim Umar Aadam  akka tahan gabaasni arganne ni ibsa. Yeroo ammaa kana aanicha keessatti lolli hamaan geggeefamaa kan jiru yoo tahu, humnoonni mootummaa weerara kana ummata irraa ittisuuf tattaaffiin godhan kan hin jirre tahuun beekameera.

Odeeyfannoo biraatiin ammoo Prezdaantiin Bulchiinsa naannoo Somaalee Abdii Muhammad Umar walgahii mana marii naannichaa guyyaa hardhaa geggeefame irratti, badii naannicha keessatti raawwatame hunda ajaja TPLFn akka tahee fi keessattuu itti gaafatamaa tika biyyoolessaa kan ture obbo Geetaachoo Asaffaa “murtiilee hammeenyaa hunda akka raawwadhu afaan qawweetiin na dirqisiisaa ture”jechuun dubbatuu isaa odeeyfannoon arganne ni mul’isa. Obbo Abdiin badii dabre irra walii dabarree gara fuulduraatti deemuu qabna jechuun mana marichaa kan gaafate tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button