header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamanii saffisaan dabalaa jiraatuu beeksise

WHO’n akka jedhetti, Ardi Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasiin koroonaa irratti argamuu gabaafame torbee tokkotti 43% akka dabaleefi, kunis weerarri vayirasichaa Afrikaa keessatti daran hammaatuu mul’isa jechuun akeekkachiise. Dhaabbatichi itti dabaluudhaanis, gabaasi biyyoota Afrikaa irraa dhihaatu hedduu gadi aanaa fi shakkisiisaa tahuu ibsuun, akkasittuu torbee kana lakkoofsi namoota Vayirasichi irratti argamuu gabaafamee, kan torbee dabree 16,000’n kan caalu tahuu beeksise.

Tamsa’ina Vayirasii Koroonaa yeroo ammaa biyyoota Ardii Afrikaa keessatti hammaataa dhufeen wal qabatee, namoota Vayirasichaan qabaman adda baasanii waldhaanuudhaaf, hanqinni meeshaalee qorannoo labraatorii fi hanqini dandeettii qorannoo qulqullina qabuu geggeessuudhaa danqaa tahuus gabaafame.

Ardiin Afrikaa ummata Biiliyoona 1.3 ol qabdu hanga ammaatti meeshaalee qorannoo labraatorii 500,000 qofa kan argatte yoo tahu, hanga guyyaa har’aatti Afrikaan Kibbaa qorannoo labraatorii 143,000 Masri 90,000 , Ghaanaa 68,500 Tuniiziyaan 18,000, Moroko/Magrib 22,000, Kenyaan ammoo 15,000 qoratuu ibsan. Biyyoonni hafan hundi kophaa isaaniitii lakkoofsi namoota qoratanii gad aanaa tahuu gabaafame.

Haaluma kanaan tamsa’ini Vayirasichaa biyyoota Afrikaa heddu keessatti sadarkaan irra jiru ammas qabatamaan kan hin beekamne tahus, hanga guyyaa har’aatti namoota 28,124 Vayirasichaan qabaman jidduu 1,301 du’uu ragaaleen ni addeessu.
Gama biraatiin ammoo guutuu addunyaa keessatti ammoo namoota 2,732,737 vayirasichaan qabamuu mkirkanaahee jidduu, lakkofsi namoota sababa vayirasii koroornaa du’anii 191,152 dabre.

COVIAFRI

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button