header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Naannoo Kibbaa aanaa addaa Yam magaalaa Sajjaa keessati muslimoonni 13 humnoota tika mootummaatiin ajjeefaman

Ajjeechaan kun kan raawwatame guyyaa kaleessaa yoo tahu, sababni  ajjechaa kanaa  waggaa darbe keessa mootummaan naannichaa masjiidaa fi madraasaan akka irratti ijaaramu lafa ummataaf kennee ture. Lafa kana bulchitoonni magaalaa karaa seeraan ala taheen namoota dhuunfaatiif kennuuf yaaluu isaaniitiin walitti bu’innsa uumameen humnoonni mootummaa dhukaasa hawaasa irratti bananiin lubbuun namaa akka bade gabaasni arganne ni ibsa.

 

Kanaan duras bulchiinsi magaalattii lafa Masjiidaaf seeraan kenname kana fudhachuuf yeroo yaaletti, ummanni gara qaamota mootummaa naannichaatti iyyannoo dhiheeffatuun kan deebifatee ture yoo tahu, bulchiinsi magaalaa ammas deebisee guyyaa kaleessa lafa san irraa kutuun namoota dhuunfaatiif hiruu jalqabuu isaatiin ummanni naannichaa mormii kase.

 

Ajjeechaa poolisootaan raawwatame hordofuun ummanni baadiyyaa fi magaalaa mormii cimaa kaase. Walumaa galatti namoonni 13 ajjeefamu fi manneen hedduun gubamuu jiraatan naannawa irra dubbisne nuuf hime.

 

Haalli yeroo ammaa magaalaa Sajjaa keessa jiru tasgabbaa’ee jiraatullee, sochiin daldalaa fi geejjibaa tokkolleen magaalaati keessa kan hin muldhanne tahuu maddeen gabaasaaniiru.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button