header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhimma qabeenya ADWUI irratti murtii kenne

Addi Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) kanaan dura paartii Bilitsiginnaa haaraya hundeeffametti kan hin makamne tahuu ibsuun, qabeenyi ADWUI akka qoodamuuf Boordii Filannoo Biyyoolessaa gaafatee ture. Boordiin Filannoo guyyaa har’aa dhimmicha ilaalchisee ibsa baaseen murtii qabxii afur qabu dabarsuu beeksise. Qabxiileen kunis:

1.Koreen qabeenyi ADWUI hangam akka tahe qoratee dhiheessu ABUT fi Bilitsiginnaa irraa akka hundaayu;
2. Qabeenyi maqaa ADWUI’tiin jiru hundi akka qoodamu;
3. Idaan ADWUI irra jiru hundi eega kafalamee booda, qabeenyi hafe dhibbeentaan 25 ABUT’f harka dhibbeentaan 75 ammoo paartiilee miseensa ADWUI turan, kanneen Biltsiginnatti makan sadeeniif akka kennamu;
4. Qoodinsi qabeenyaa akkaataa murtii Boordii Filannoo kanaatiin yeroo ji’a jahaa keessatti raawwatamee gabaasni haa dhiyaatu kan jedhu tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button