Manni murtii ol’aanaa godina Harargee Lixaa namoota ajjeechaan himataman hidhaa cimaa waggaa 20tiin adabe.
Godina Harargee lixaa aanaa Bookee Keessatti bara dabre hiriira mormii namoonni hidhaman nuuf haa hiikkaman jechuun ummanni bahe irratti lubbuun namoota sadihii bahuun ni yaadatama.Namoonni sadan qondaaltota naannichaatiin ajjeefaman kunniin Ahmaddiin Diinoo, Kaalidoo Muhammad fi Muhammad Ahmad Baalee yoo tahan, Yakka ajjeechaa kana raawwachuun kanneen himataman:
Himatamaa 1ffaa Ahmad Haajii Itti Gaafatamaa nageenya aanichaa kan ture.
Himatamaa 2ffaa Gargaaraa saajin Abdurahmaan Ahmad, Poolisii aanichaa kan ture
Himatamaa 3ffaa Gargaaraa saajin Abdii Aadam, Poolisii aanichaa kan ture
Himatamaa 4ffaa Gargaaraa saajin Muhammad Taajir Sulee , Poolisii aanichaa kan ture yoo tahan, Himatamtoota sadi himannaan irratti dhiyaate ragaa Abbaa Alangaatiin waan mirkanaa’eef Manni Murtii Ol’aanaa Godina Harargee Lixaa Dhaddacha guyyaa 5/11/2010 ooleen, himatamtoota 1ffaa,2ffaa fi 4ffaa hidhaa cimaa waggaa 20tiin kan adabe tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.
Himatamaa 3ffaa Gargaaraa saajin Abdii Aadam immoo himatni irratti dhiyaate ragaan waan hin mirkanoofneef, akkasumas raga ittisaa himatamaan dhiheeffateen namootatti gad qabdanii hin dhukaasinaa jechaa akka turee fi meeshaa woraanaa guyyaa san qabatee ture rasaasni tokkollee kan irraa hin hir’atin tahuun waan mirkanaaheef bilisaan kan gad lakkifame tahuun beekameera.
as wr wb
mashaa alla ba’ee nama gamachisaa jabadha rabbin isin haa jabesuuu