header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Yuunivarsitiiwwan adda addaa keessaa barattoonni Mooraa Yuunivarsitii lakkisaanii bahaa jiru.

Qajeelfama ministeerri barnootaa ji’a darbe keessa baase kan “Barattoonni digrii jalqabaa eebbifamuun duratti qormaata fudhatuu qabu” jedhu barattoonni mormaa jiru.

Qajeelfamni kun Yuuniversiitwwan heddu keessatti hojii irra akka ooluuf  beeksisni maxxanfamuu kan jalqabe yoo tahu, Barattoonni Yuunivarsitii Jimmaa guyyoota sadihiif barnoota addaan kutuu isaanii barataan bilbilaan dubbisne nuuf hime.

Akka barataan kun nuf himetti, qajeelfama haarawa kana irratti barattoonni Qorumsa COC akka fudhatanii fi qormaata kan yoo kan hin dabrine ta’e  immoo “Advance diploma”  Eebbifamu kan jedhu mormuun hiriira baane jedhe.

Barattoonni Yuuniverstii Jimmaa guyyaa 3 guutuu mormii dhageessisaa kan turan akka tahee fi guyyaa kaleessaa  qajeelfamni kun kan hin hafne akka ta’e,Bulchiinsi Yuunvarsitii kan isaan beeksise tahuu barataan kun nuf hime. Kana booda Barattoonnis walii galuun “hanga deebisaan gaaffii keenyaa nuuf deebi’utti hin barannu” jechuun kan waliigalan akka ta’ee fi guyyaa kaleessaa a barattoonni mooraa akka hin baane dhoorkuun, poolisoonni naannoo Oromiyaatii fi kan Federaalaa  tarkanfii humnaa kan isaan irratti fudhatan tahuus barataa kana irraa hubatuun danda’ameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button