header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Aalimni Guddaan Biyya Keennaa Sheik Sa’id Ahmad Musxafaa gara biyyaatti deebi’uuf

Sheikh Sa’id  roorroo mootummaan biyyattii isaan irraan gahaa ture jalaa baqatuun, waggoota 24 oliif biyya ormaa keessa jiraataa turan. Jijjiirama yeroo ammaa biyyattii keessatti muldhate hordofuun gara biyyaatti deebi’uuf qophii isaanii xumuruu odeeyfannoon argame ni addeessa.

 

Sheikh Sa’id Ahmad Musxafaa dur irraa kaasee dhiibbaa mootummaan biyyaatti Muslimoota irratti raawwataa ture adda durummaan falmaa turan. Haaluma kanaan Sochii dargaggoota Muslimoota Itoophiyaa hoogganaa kan turan yoo tahu, sababuma kanaan biyyaa fi ummata isaanii akkaan jaalatan irra dhiibamanii biyya ormaatti baqatuuf kan dirqaman tahuunis beekameera.

 

Turtii isaanii biyya ambaattis amantaa isaaniif hojjatuu, ummata keenya biyya alaatti argamu gurmeessuu fi kitaabota adda addaa karaa midiyaalee hawaasaatiin fi TV Afrikaatiin kan barsiisaa turan tahuun ni beekama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button