Somaaliyaa fi Eertiraan hariiroo biyyoota lamaanii kan waggoota dheeraaf addaan citee ture haaromsuuf walii galan

Ministeerri Odeeyfannoo Eertiraa Yamaane Gabramasqal ibsa fuula twitter isaa irratti maxxanseen, Prezdaantiin Somaaliyaa Muhammad Farmaajoo waggaa 15 booda daawwannaa seena qabeessa guyyaa sadi’iif Eertiratti godhaa ture kaleessa xumuruu beeksise. Biyyoonni lamaan waggoota 15 dabraniif hariiroon dipiloomaasii isaanii addaan kutanii turan. Daaw’annaa kanaan hooggantoonni biyyoota lamaanii waliigaltee dipiloomasii haarawa mallatteessuuniiru.
Prezdaantiin Somaaliyaa waliigaltee kana booda yaada kenneen, qoqqobbiin sababa garee Alshabaab deeggarti jedhuun kanaan dura Eertiraa irra kaa’amee ture akka kaafamu, jechuun kan gaafate tahuu gabaasni Aljaziiraa ni mul’isa. Prezdaant Muhammad Farmaajoo “qoqqobbiin diinagdee fi kanneen biroo hundi ummata Eertiraa irraa hatattamaan akka ka’u ni gaafanna”jedhe.