header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Poolisiin Federaalaa daangaa naannoo Somaalee fi Oromiyaa irratti awwaalli jumlaa argamuu beeksise

Prezdaantiin naannoo Somaalee duraanii Obbo Abdii Muhammad  guyyaa kaleessaa mana murtiitti kan dhihaate yoo tahu, poolisiin yakkoota ajaja Abdii illeetiin raawwataman jidduu muuraasa mana murtiitiif ibsee jira.

 

Poolisiin federaalaa akka jedhetti, Obbo Abdii Muhammad dabalatee shakkamtoota afur isa waliin himataman irratti qorannoo geggeefameen, awwaalli namoonni 200 ol bakka tokkotti jumlaan keessatti awwaalaman, daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee iraatti kan argame tahuu hime.

 

 

Abukaatonni shakkamtoota iyyannoo ittisaa dhiheessaniin, dhimmi awwaala Jumlaa kun himata addaa waan ta’eef kophatti dhihaachuu qaba jechuun kan morman yoo tahu, Poolisiin garuu qorannoo obbo Abdii irratti geggeesseen awwaala jumlaa kana akka argate ibsuun, himata isaa irratti dabalamee akka ilaallamu mana murtii kan gaafate tahuu FBC’n gabaase.

 

 

Dhuma irrattis poolisiin eenyummaa namoota awwaala kana keessatti awwaalamanii adda baasee ragaalee dabalataa mana murtichaatiif dhiheessuuf  Obbo Abdii irratti yeroo qorannaa dabalataa gaafatee jira. Haaluma kanaan manni murtiis yeroo qorannoo dabalataa guyyoota 14 poolisiif hayyamee jira.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button