OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Dargaggoonni Ahbaashotaan qindeefamanii magaalaa Harar keessatti Hooggantoota majlisa haarawa filataman jeequuf socho’aa turan too’annaa jala oolan
Ganama har’a hooggantooni majliisa naannoo Hararii hawaasa muslimaatiin filataman iddoo qaamoonni nageenyaa, manguddoonni fi hawaasni muslimaa argametti, waajjira majlisaa hoggantoota duraanii harkaa fuudhuun waaree booda hojitti seenuu isiniif gabaasnee turre.
Odeeyfannoo waaree booda nu gaheen dargaggoonni hooggantoota Ahbaashota duraaniitiin qindeefaman, magaalaa Kombolchaa dabalatee gandoota baadiyyaa adda addaa irraa walitti qabamuun, mooraa waajjira majliisa naannoo Harar keessatti jeequmsa kasuuf osoo socho’aa jiran, too’annaa poolisa naanichaa jala ooluu odeeyfannoon ni addeessa.
Poolisiin naannoo Hararii dargaggoota kanneen irratti qorannoo geggeessaa jiraatuu maddeen gabaasani jiru.