header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Kooriyaan Kaabaa gabbisa  Niwukilarii kan itti fufte tahuu beeksise

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii, UN, akka jedhutti,  Kooriyaan kaabaa gabbisa niwukilarii fi oomisha  misaa’ila balastikii hin dhaabne. Manni maree nageenyaatis ibsa baaseen, “Kooriyaan Kaabaa qoqqobbii irra kaayame cabsuudhaan dhoksaadhaan boba’aa biyyoota adda addaa irraa galchaa jirti,  akkasumas gurrgurtaa meeshaalee waraanaa cimsitee itti fuftee jirti”jedhe. Kooriyaan Kaabaa gabaasa UN kanaaf hanga ammaatti deebii hin kennine.

Qondaaltonni Ameerikaa torbee darbe Kooriyaan Kaabaa misaa’eloota balastikii ijaaraa jiraachuu beeksisan. Doonaald Traamp fi Kim Jong Un Waxabajjii darbe Singaapoor keessatti marii geggeessaniin, Kooriyaan Kaabaa gabbisa niwikilarii akka dhaabdu walii galuun isaanii ni yaadatama.

https://youtu.be/c7nYu6n6zJo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button