header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaKoroonaaOdeeyfannoo

Afrikaa Kibbaatti ogeeyyoonni Fayyaa 500 COVID-19’n qabamuu gabaafame

Qorannoo COVID-19 ogeeyyota fayyaa biyyattiif taasifame hordofuun, namoonni 511 dhibee kanaan faalamuu ministeerri Fayyaa biyyatti ibse. Haaluma kanaan Ogeeyyoota fayyaa kana jidduu hanga ammaatti doktora 1 dabalatee, hojjatoonni fayyaa lama du’uu odeeyfannoon ni addeessa.

Ministeerri fayyaa biyyatti Zweli Mkhize, Ogeeyyiin 148 ammoo bayyanatanii mana yaalaa irraa bahu beeksise.

Afrikaan kibbaa biyyoota ardii Afrikaa lakkoofsa namoota dhibee kanaan qabamanii guddaa qaban jidduu sadarkaa jalqabaa irratti argamti. Hanga guyyaa har’aatti lakkoofsi namoota biyyatti keessatti qabamanii 7,572 gahu fi namoonni 148 sababa dhibee Vaayirasii koroonaatiin du’uu odeeyfannoon ni addeessa.

Odeyfannoo biraatiin, gabaasni mana marii ogeeyyii Fayyaa Addunyaa(ICN) irraa bahe, guutuu addunyaatti lakkoofsi hojjettoota Fayyaa COVID-19’n qabamanii 90,000 kan tilmaamu tahuu fi kana jidduu immoo 260 ol du’uu mul’isa.

9 Comments

  1. As.Wr.Wb.
    Masha Allah nuralhudaa soora qalbii muslimaa jabadha rabbii isinaa gargaruun dhamsaa keenya.

  2. Ws.Ww.Oduun isin nuuf dhiyeessitan baay’ee gaaridha.

  3. Nuuralhudaa soora qalbii Ummata Muslimaa Baay’ee Baay’ee Gaariidha Jabadhaa RABBII ☝️ Isiin Waliin Haa Jira Katuma Hundaan Qophiin Isiin Gootan Bareeda kessattu kan akka dr Zakir naik fi kkf baay’ee nattii tole jira
    jzkl

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button