header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Guyyoota Kurnan Ji’a Zulhijjaa

Rabbiin wan barbaadeen kakata. wanti Rabbiin kakateen  ammoo  wan guddaa ykn jabaa tahu agarsiisa. Rabbiin Qur’aana isaatiin akkas jedha.

“Bariin Kakadhe. Halkan kurnaniinis kakadhe” (Suuraa Fajr 1-2)

Halkaan Rabbiin  Qur’aana isaa keessatti ittiin kakate kun guyyoota kurnan ji’a Zulhijjaa tahuu mufassiroonni Qur’aana ni ibsu.

 

Guyyoonni kurnan  jalqaba ji’a Zulhijjaa guyyoota Rabbiin biratti akkaan jaalataman keessaa tokko. Hadiisa Ibni Abbaas irraa odeeyfameen Ergamaan Rabbii (SAW) akki jedhan; ” Ibaadaan gaggaariin hojjataman kamiyuu, kan akka guyyoota kurnan kana(zulhijjaa) keessatti hojjataman caalaa Rabbiin biratti jaalatamu hin jiru” jedhan; Karaa Rabbii irratti du’uun hoo jechuun gaaffataman? “Eeyyee sunis taanaan yoo namticha karaa Rabbii irratti lubbuu fi qabeenya isaa hunda kennee kan wan takkaan hin deebi’iin yoo tahe malee”jedhan  Ergaman Rabbii (SAW).

 

Guyyoonni  Kurnan jalqaba Zulhijjaa irratti argaman kunniin, guyyoota ibaadaan gaggaariin ilmi namaa hojjatu hundi Rabbiin biratti kanniin yeroo biroo hojjatu caalaa jaalatamoo tahuu hubatuun, nutis hanga dandeenyeen guyyoota kana keessatti jabaatuu qabna.

Ibaadaawwan gaggaarii guyyoota kurnaan kana keessatti hojjataman keessaa:

 

HAJJII FI UMRAA

Umraan sharxii guutuun godhame hanga umraan itti aanu dhufutti dilii xixiqqoo namarraa haqxi; akkanumas Hajjiin Seera guutuun godhamte ammoo gatiin isii jannata. (Bukharii fi Muslim)

 

 

 

SOOMANUU

Guyyoota 9 jalqaba Ji’a Zulhijjaa irratti argaman kana Soomanaan dabarsuun Sunnaa akkan jaalatamaati; Ergamaan Rabbii (SAW) hojiiwwan gaggaarii  guyyoota kana keessatti akka hoojjatamaniif itti kakaasaa turan jidduu tokko guyyoota 9’n duraa soomanuudha.

 

 

 

ZIKRII HEDDUMEESSUU

Ergamaan Rabbii (SAW) akka jedhan

” Guyyaan dalagaan kheyirii  hojjatamu hundi Rabbiin biraatti akka Ibaadaa guyyaa kurnan Zulhijjaa kana keessatti hojjatamutti jaalatamu hin jiru, kanaaf guyyaa kanniin keessatti Rabbiin tokkochoomsuu ( Laa Ilaaha Illa ALLAH) jechuu ,Takbiira (ALLAHU AKBAR) fi  Rabbiif galata galchuu   (Alhamdulilaah) jechuun Zikrii hedduumeessa jedhan (Sahiih Ahmad).

Guyyaa kurnan kana keessatti Ibn Umar fi Abbaa Hureeyraan( Rabbiin isaan irraa haa jaalatuu) naannawa gabayaa keessa deemuun, Sagalee ol fuudhuun Takbiira jedhuu turan; ummannis hogguu isaan dhagahutti waliin Takbiira  jedhu ( Bukhariitu gabaase)

 

 

 

HALKAN KA’ANII DHAABBATUU

Halkan guyyoota kurnan kanaa keessatti halkan ka’uun gama Rabbii deebi’uun ibaadaa dalaguu. Rabbiin Subhaanahu Wata’aalaa Halkan gara xumuraa keessaatti  gabroota isaatiin “Eenyutu gama khejeelaa hajaa isaa guutaaf; eenyutu  fedhii isaa nagaafatee, deebisaafi? Eenyuutu araarama narra barbaadee kan isaa araaramuuf?”jechuun yaama.(Bukharii fi Muslim)

 

 

ARAARAMA YKN (TAWBAA) KADHACHUU

Rabbiin (SW) gabrootni isaa erga Dilii keessatti kufanii booda, badii isaanii hubatanii nadaamayuudhaan, tawubaa onnee irraa taateen, yoo kan rabbi isaanii araarama kan gaafatan taate Rabbiin isaanii dhiisa.

 

 

 

QUR’AANA QARA’UU

Qur’aana qara’uu fi dhaamsa isaa hubachuuf yaaluun, akkanumas erga hubatanii booda itti dalaguun qalbiin namaa akka tasgabbooftu taasisa. Duniyaa fi Akhirattis sababa hofkhaltiiti. Kanaafuu guyyootni kurnan zulhijjaa kun Qur’aanaa qara’uu akka aadaa godhannuu hedduu nugargaara.

 

 

SADAQAA KENNATUU FI DALAGAA KHAYRII HEDDUMEESSUU

 

Walumaa galatti guyyoonni kurnan zulhijjaa kun yeroo kheeyriin keessatti hojjatamtu hundinu Rabbi biratti akkaan jaalatamtu ta’uu hubachuudhaan, maatii keenyaa fi namoota muslimmaa hunda irratti jajjabeessuu qabna.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button