header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Uumama Mana Fincaanii Qabu

Tafakkur: Nilgai

Maqaan uumama kanaa Nilgaay jedhama. Nilgaay sanyiiwwan arroolee keessaa isa guddaadha. Uumamni kun hedduminaan biyya Indiyaa keessatti argama. Dabalataanis gaarreen Himaaliyaa irrattis ni argama. Uumama Ardii Eeshiyaa ta’us, jaarraa digdamaffaa irratti namoonni maallaqaan bituudhaan gara Ameerikaa geessanii jiru. arraan tana naannawa bosona Teeksaas, Alaabaamaa fi Meeksikoo keessattis ni argama. Haa ta’u malee akkuma Niyaalaan uumama Itiyoophiyaan ittiin beekkamtu ta’etti, Nilgaayis uumama Ardiin eeshiyaa qofti ittiin beekkamtuudha.

Niilgaay arroolee dachii tanarra jiran keessaa isa guddicha jedhamuudhaan beekkama. dheerinni isaa meetira 1.2 hanga meetira 1.5 ni ta’a. dheerinni qoffee isaarraa kaasee hanga eegee isaa jiru ammoo meetira 1.8 hanga meetira 2 ta’a. ulfaatinni isaa dheerinna isaa kanarratti hundaa’ee Kilograama 250 hanga 300 ta’a. kormaa fi dhaltuu uumama kanaa adda baafatuudhaaf bifa rifeensaa kan gogaa isaaniirra jiru qofa ilaaluun gahaadha. Kormaan rifeensa cuquliisa gara adii dabu kan qabu yoo ta’u, boqoo isaarraa barrina adii qaba, akkasumas hidhii isaarraallee bifa adii qaba. Dhaltuun garuu guutumaan guututti bifa magaala qabdi. Kanaafuu uumama kana fagomaa adda baasuun salphaadha. Inni biraa ammoo gaafa isaaniiti. Gaafa kan qabu kormaa qofa. Kormaan Nilgaay gaafa gabaabduu seentimeetira 14 hanga 23 dheeratuu danda’u qaba.

Nilgaay uumama gareen jiraatuudha. Gareen tokkos koorniyaa tokkoo qofa of keessatti qabata. Ilmooleen haga gaafa of danda’anii gara garee biraa deemanitti haadha waliin turu. Uumamni kun akkuma sanyiiwwan arroolee biroo marga dheeduudhaan jiraata. Dabalataan baala garagaratis ni soorata. Soorata isaa guyya guyyaa kan sooratu yoo ta’u, halkan ammoo ni boqata. Addunyaa ammaan tana sababa gammoojjummaatiin lafa magariisa dhabaa jirtu tana keessa jiraachuudhaaf, qubsuma gaarii qabachuun barbaachisaadha. Nilgaayis lafa dheedaaf akkasumas jireenya isaatiif barbaachisu mallattoo itti godhee qubsuma ofii tolfata. Qubsuma isaa kana daangeessuudhaaf ammoo foolii miila isaa irraa bahuu fi fincaan isaatti fayyadama. Sanyiin Nilgaay kan biraa gara qubsuma isaa akka hin seennes mallattoo kanaan isaaf ibsa. Uumamni kun uumama qulqullina jaalatu. Akka loonii faltii bakka hundatti buusaa hin deemu. Akkuma ilma namaa mana fincaanii qotachuu dadhabe malee, bakki inni faltii itti buusu bakka addaati. Hunduu yoo faltii buusuu fedhe bakka san dhaqee buusa. Kanaafuu faltiin isaa bakka tokkotti tuulama jechuudha. Bineensi kun qulqullina marga dheeduu eeguuf kana godha. marguma ofii dheedurratti hin qulqullaahu. Bishaan malee yeroo dheeraaf turuu danda’uun isaatis uumama kana sanyii arroolee biroo irraa adda isa taasisa.

Qaamni uumama kanaa wayta ilaalan haalaan guddaadha. Haa ta’u malee bineensota hedduun adamsamee nyaatama. Inumaa guddinni isaa bineensota gamtaan adamsaniif soorata gahaa akka ta’u isa taasisee jira. Tiger, Qeerransi (Leopards), Sardiidni, waraabessi, yeeyyii fi Leenci uumama kana adamsuudhaan sooratu. Nilgaay wayta bineensota kanniinii fi diina biraa itti dhufaa jiru arge, sagalee xiqqoo dhageeysisuudhaan miseensota hafan dammaqasee jalaa dheessee bahuuf carraaqqa. Inni guyyaan isaa gahe garuu soorata bineensota kanninii ta’uun isaa hin oolamu.

Sanyii ofii bakka buufatuun osoo jiraatuu baatee, diina kana hunda qabaataa dachii tanarra turuun rakkisaa ture. Nilgaay hoosiftoota fakkaattii isaanii dhalan keessatti rammadama. Akkuma durarratti isinii hime, qubsuma tokko keessa koorniyaa tokko qofatu jiraata. Kanaafuu warri kormaa wayta wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuu barbaadan qubsuma isaanii gad dhiisuun hafuuraan barbaadaa gara qubsuma warra dhalaa imalan. Yeroon isaatis yeroo murtaa’aadha. Kunis ji’a waxabajjii irraa kaasee haga onkololeessaati. Kormaanis qubsuma dhaltuu irra deddeemuudhaan warra hormaataaf qophaayan adda baafata. Kana booda warra qophii ta’an waliin eega wal qunnamtii raawwateen booda ammas gara qubsuma biraa deema. Qubsuma san keessa turuun isaaf hin hayyamamu. Kanaaf kormaan hundi kallattii garagaraatti faffaca’uun, qubsuma dhaltuu irra deemuudhaan wal qunnmatii wal hormaataa raawwata jechuudha. Xumura irrattis hunduu gara qubusma ofii deebi’ee jiraata.

Rimayni dhaltuu ji’oota saddeetiif tura. Yeroo takkaanis ilmoolee haga sadihii dhaluu dandeetti. Hedduminaan garuu Nilgaay lakkuu dhalti. Dhaltuun Nilgaay wayta yeroon itti dhaltu gahu, qubsuma keessaa baatee kophaa ofii jiraatuu jalqabdi. Kophaa isii dhaltee ilmoolee isii yeroo murtaa’aaf kunuunsiti. Ilmooleen dhalatan lafaa ka’anii dhaabbachuudhaaf yeroo dheeraa hin barbaadan. Hedduun isaanii daqiiqaa 40 booda ka’anii dhaabbatu. Torbaan muraasaafis achuma haadha isaanii waliin turuudhaan haala jiruuf jireenya adda baafatu. Gaafa of danda’anii sosocho’uu jalqaban gara garee isaanii makamu. Hayyama Rabbii guddaatiin Nilgaay hedduminaan waggaa 12 hanga 13 jiraatuu danda’a.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button