header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Eeshiyaa

Sa’aad Hariirii gara Lubnaan kan deebi’u ta’uu beeksise

Muummicha ministeera Lubnaan kan ture Sa’aad Hariirii eega  Sa’udii irraa taaytaa lakkisuu isaa beeksisee booda yeroo jalqabaatiif gaafi fi deebisaa Televiziyoona Paartii isaa waliin godheen, gara biyya isaa kan deebi’u ta’uu beeksise. Haata’u malee yeroo dhihotti jechuun alatti yoom akka deebi’u hin dubbanne.

Sa’aad Hariirii gaafii fi deebisaa kanaan “Haalli taaytaa lakkisuu kiyya ittiin labse kan hin baramin tahuu nin beeka” jechuun dubbate. Sa’uudiin kan si hin uggurin tahuu akkamitti ummata Lubnaan amaansiifta gaafii jedhuuf, Sa’aad Hariirii Yeroo ammaa Sa’udii keessatti bilisummaa guutuu kan qabu tahuu ibse. itti dabaluudhaan  maatii kiyyaa fi ilmaan tiyya Caraan anaafi obboleewwan kootii akka isaan qunnamu hinbarbaadu jedhe.

Haata’u malee Lammiileen Lubnaan gama miidiyaa hawaasummaatiin, Sa’aad Hariirrii miira gaddaatii fi sodaan  haasaya; Gonkumaa dubbiin isaa kan nama amansiisuu miti jechaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button