header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Sagalee Azaanaa dhagahuu dhiisnee jirra jedhu jiraattonni Gazzaa

Olmaa Falasxiin January 1, 2024

  • Lammiileen Falasxiin ajjeefaman 22,000 dhihaateera
  • Masjiidonni 300 caalan diigamaniiru
  • Waraanni ammas itti fufeera

Waraanni Israa’el haleellaa Gazzaa irratti raawwate hammeessee itti fufeera. Lubbuun lammiilee nagayaa qaqqaaliitis galaafatamaa jira. Haga harraatti lammiileen Falasxiin 21,978 ta’an ajjeefamaniiru. Kanneen 57,000 caalan ammoo madaayaniiru. Falasxiinonni 7,000 caalan ammoo dhabamaniiru. Kunniin warra caccaba jalatti awwaalaman ta’uu waan malaniif ajjeefamuu isaaniitu amanamaara. Hedduminaan warri miidhamee dubartootaa fi ijoollee xixiqqoodha. Harras waraanni Israa’el haleellaa isaa addaan hin kutne.

Haleellaa walirraa hin cinne Gazzaa irratti taawwatamaa jiruun lubbuu ilma namaa qaqqaalii kumaatamaan galaafatameen cinatti masjiidotaa fi eddoolee seenaa ummata Falasxiin barbadeessuunis qaama kaayyoo waraana Israa’el fakkaata. Erga gaafa waraanni Gazzaa irratti taasifamu jalqabee as Masjiidonni 300 caalan guutumaan guututti ykn cinaan barbadeeffamaniiru. Sababa kanaanis jiraattonni Gazzaa sagalee Azaanaa qalbii namaa jiisu erga dhagahanii bubbulaniiran.

Sagalee Azaanaa masjiidota keenyarraa dhagahuu erga dhiisnee bubbulleerra. Magaalaan teenya gamni bahaa guutumaan guututti waan barbadoofteef masjiidonni achi Jiranis guutumatti dalagaa dhaabaniiran. Ammatti sa’aatiin salaataa gahuu fi gahuu dhabuu isaa adda baafachuuf telefoona keenya kan harkaa fayyadamna. Waraanni kun waan nuti amma dura arginee hin beekneedha. Masjiidotni, malattooleen iimaana keenya, walitti qabamanii barbadeeffamaniiru” jedhe jiraataan magaalaa Khaan Yuunis tokko.

Ummata Gazzaatiif Masjiidonni tajaajila ibaadaa kennuudhaan cinattis akka kompaasittis tajaajilaa turan. Ganama ganama hirribaa ittiin dammaqan. Namni manni namaa jalaa bades, minaara masjiidotaa mallattoo godhatee bakka barbaadu dhaqa. Gazzaa keessatti manni hedduun walitti dhihaatee fi wal fakkaatee waan ijaarameef, namni masjiida mallattoo godhata.

Masjiidni guddaan Gazzaa ykn Masjiidni Guddaan Umar, bara kaliifaa Umar ibn Al Khaxxaab (Rabbi irraa haa jaalatu) tajaajila jalqaba. Akka afoolaan himamutti edduun kun durumarraa kaasee bakka amanitin itti geggeeffamu ture. Booda warri Roomaatis qabatee kan ofii godhate. Muslimoonnis akka masjiidaatti itti tajaajilamaniiran. Booda waraanni Masqalaatis dhufee bataskaana guddaa irratti ijaare. Erga waraanni Masqalaa deemeen booda gara masjiidaatti deebifame.

Amma masjiidni kun irra jireessi isaa diigameera. “Ani takkaa waraanni kun masjiidota ni barbadeessa jedhee yaadee hin beeku. Umrii kiyya guutuu masjiida kanatti salaataa ture. Maatiin kiyya ollama masjiida kanaa jiraataa ture. Bakka seenaa fi durii, kan qalbiin teenya itti gammadduudha. Maaliif akka diigan ajaa’iba natti ta’eera. Masjiidnis jireenya isaaniitiif sodaachisaa ta’eetii?” jedhe Lammiin Falasxiin kan ammaan tana Turkiyaa keessa jiraatu.

Haleellaan walirraa hin cinne Masjiidotarratti raawwatamaa jiru kun jiraattota Gazzaa dallansiisus namni garuu ammas gara masjiidaa deemuu hin dhiisne. “An ammallee masjiida dhaqee salaatuu hin dhiisu. Yoo achitti du’e anaaf xumura bareedaadha” jedhe jiraataan magaalaa Khaan yuunis dargaggeessii umrii 30 Khaalid Islim.

Masjiidonni homaa isaan hin miine. Ta’ullee nuti masjiidota keenya caccabarraa kaasnee deebifnee ijaarra. Qur’aanni cicciramee fi caccaba jalatti awwalame onnee nu madeessa. Kun mootummaan israa’el hagam gara jabaataa akka ta’e nutti garsiisa” jedhe Ministeerri Turizimii fi Hambaalee durii.

Itti dabaluunis “kun gochaa seera addunyaa cabseedha. Walii galtee the Hague kan bara 1907, walii galtee 4ffaa Geneva kan bara 1949 fi walii galtee UNESCO guutumatti kan diigeedha. Masjiidni kun bu’uura isaa eddoo amantii jaarraa 5ffaa keessa ijaarame bu’uura godhate. Kun yakka seenaa ummata Falasxiin barbadeessuuf taasifameedha” jedhe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button