header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Suudaan keessatti Dooniin barattoota fe’attee laga Naayil irra imalaa turte dhidhimuun yoo xiqqaate ijoolleen 22 dhuman

Dooniin barattoota  40 fe’attee laga Naayil ceesisaa turte tun kan dhidhimte kutaa Sudaan naannoo Nile River jedhamu keessatti akka tahe ejensiin odeeyfannoo biyyattii SUNA’n gabaase. Hojjaattoonni yeroo balaa reeffa ijoollee dhidhimanii kan barbaadaa jiran tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

 

Qondaaltonni  Suudaan akka jedhanitti,  Rooba cimaa bubbee makate hordofuun  danbalii hamaa laga Naayil irratti uumameen motorri doonii cabuun  balaan kun kan muudate tahuu  ibsan. Torbee darbe irraa jalqbee Sudaan keessatti robaa cimaa roobaa jiruun lolaa uumameen, magaalaa Khartuum dabalatee guutuu biyyattii keessatti lubbuu nama 40 kan galaafate tahuu miidiyaaleen Suudaan gabaasan. Kanuma hordofuun mootummaan Suudaan  Arba’aa har’aa Khaartuum fi naannoolee roobni itti hammaate keessatti manneen barnootaa akka cufaman labsee jira.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button