header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Haleellaa aanaa Cinaaqsan Araddaalee lama keessatti raawwatameen lubbuun nama lamaa darbe

Weerarri liyyuu Poolisii naannoo Somaalee ammas akkuma itti fufetti jira. Guyyaa har’aa godina Harargee bahaa aanaa Cinaaqsan araddaalee lama keessatti haleellaan kan raawwatame yoo tahu, namni  lama ajjeefamuu fi namni 3 immoo madaahuu jiraataan aanaa Cinaaqsan nuuf hime.

 

Akka Jiraataan kun nuuf himetti “aradda Biyyoo fi Tiroo gabaabduu keessatti weerara nurratti geggeessaanii namni lama ajjeefamee namni 3 immoo madaawe, warri madaawe amma gara Hospitaala magaalaa Hararitti dabarfaman”jedhe.

 

Hidhattoonni Liyyuu Poolisii naannoo Somaalee kunniin Konkolaataan dhufanii nama  ajjeesanii gara dhufanitti kan deebi’an tahuu jiraataan kun nuuf hime.

 

Rakkoon nageenyaa aanaa Cinaaqsan keessa jiru yeroo irraa yerotti kan hammaataa jiruu fi nageenya ummataa eeguuf deeggarsi bulchiinsa mootummaa Oromiyaa tahee kan Poolisii oromiyaa aanicha keessatti kan hin jirre tahuu fi ummanni yeroo hedduu weerara poolisii naannoo Somaalee kana ofumaa ofirraa dhoorkaa jiraatuus, nama dubbisne kana irra hubatuun danda’ameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button