header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Yeroofis taatu Gazzaa irraa waraanni dhaabbachuu danda’a

Olmaya Falasxiin November 21,2023

Jaarsummaa Qaxariin kan taasifamaa jiru walii galteen waraana dhaabuu yeroofis taatu dalagaa irra ooluu akka danda’u himameera. Guyyaa harraatis walii galteen kun ifa taasifama jedhamee eeggama. Hoogganaan Hamaas Ismaa’el Haniyyee “Walii galtee irra gahuuf dhihaannee jirra” jechuun himeera. Waraanni kun guyyaa 3 haga shaniif dhaabbachuu danda’a jedhameera. San booda Israa’el haleellaa isiitti kan deebitu ta’a. Hamaas waraanni guyyaa shaniif akka dhaabbatu gaafate. Israa’el garuu guyyaa 3 caalaaf hin dhaabu jette. Ta’ullee saa’aa muraasa keessatti walii galteerra gahama jedhameera.

Yeroo waraana dhaaban kanatti hidhamtoota wal jijjiiruuf akka jiranis himameera. Waraanni kun October 7 jalqabuun dura Israa’el Falasxiinota 5,200 ta’an hiitee turte. Waraana kana booda ammoo falasxiinota 2,960 hiiteerti. Kanniin keessaa 95 dubartoota yoo ta’an 37 ammoo gaazexeessitoota. Hidhamtoota falasxiin keessaa 145 kan ta’an ijoollee xixiqqoo akka ta’an himameera. Kanaafuu hamaas wayta Ijoollee Israa’el gad lakkisu Israa’elis ijoollee Falasxiin gad lakkisti jedhamee eeggama. Akkaataa walii galteetiin Hamaas guyyaa jalqabaa hidhamtoota israa’el 50 kan gad lakkisu yoo ta’u, guyyoota itti aanan keessatti haga namoota 100 gad lakkisa jedhameera.

Kun osoo Kanaan jiru haleellaan ammas akkuma itti fufetti jira. Kaampii baqattoota Nuseeyraat keessatti haleellaa mana lama irratti xayyaaraan raawwatameen namoonni 20 ajjeefamanii jiru. Kaampii baqattoota Jabaliyaa keessattis haleellaan raawwatameera. Manneen jireenyaa sadihii fi manni baruumsaa Al Faaluujaa haleelamuun isaanii beekkameera.

Akkasumas waraanni Israa’el ammaan tana Kaampii jabaliyaa guutumaan guututti marsuu isaa ibseera. Akka waraanni Israa’el himetti eddoo Hamaas 250 irratti haleellaan raawwatuun loltoota hamaas hedduu ajjeesuu beeksise. Kanaanis ammaan tana kaampicha guutumaan guututti harkatti galfachuuf deemaa akka jiru beeksise. Gama Hamaasiin dhimma kanarratti wanti himame hin jiru.

Gama biraatiin haleellaan Hospitaalotaa fi hospitaala cinatti godhamus addaan hin cinne. Hospitaala Kamaal Adwaan cinatti manoota argaman saddeet irratti haleellaan raawwatameera. Namoonni ajjeefaman akka jiran beekameera. Haga ammaatti ministeerri fayyaa dhimma kanarratti lakkoofsa namoota ajjeefamanii ifa hin goone. Akkasumas hospitaala Indooneezhiyaa cinattis haleellaan rawwatamaa jira.

Afriikaan Kibbaa Embaasii Israa’el cifuuf akka jirtu gabaafameera. Guyyaa harraa Paarlaamaan Afriikaa kibbaa dhimma kanarratti sagalee kenna jedhamee eeggama. Afriikaa Kibbaa dabalatee, Boliviyaa fi Beliiz walii galtee Israa’el waliin qaban guutumaan guututti addaan kutanii jiru. Bahreen, Chaad, Chiilii, Kolombiyaa, Honduraas, Urdun fi Tarkiyaan ammoo ambaasaaddaroota isaanii baasanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button