header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi ministeeraa Mootummaan ol’aantummaa seeraa kabachiisuuf xiyyeeffannoo olaanan Kan hojjetu ta’uu ibse

 

Dr Abiy ibsa guyyaa har’aa kenneen, Kanaan dura mootummaan seera akka meeshaatti fayyadamuu isaatiin rakkoole dhalatan sirreessuuf tarkaanfiwwan fudhataman jidduu, lammiilee fi gareewwan seeran ala yakkaman dhiifamaan furmaata akka argatan kan godhame tahuu beeksise.

 

Haata’u malee Jijjiirama biyyattii keessatti mul’ataa jiru gufachiisuuf qaamota socho’aa jiran irratti mootummaan tarkaanfii cimaa kan fudhatu tahuu akeekkachiise. Mummichi ministeeraa ibsa isaa kanaan “Biyyattii keessatti dimokraasiin cimaa tahe akka mirkanaa’uu godhuuf, mootummaan dirree Siyaasaa bal’isuun cinatti ol’aantummaa seeraa kabachiisuu qaba”  jedhe.

 

Rakkoon tibbana uumame bilisummaa fi gocha seeraan ala tahe adda baafachuu dadhabuun, heera fi seera kabajuu dhabuun babal’achaa kan jiru waan taheef, mootummaan humna qabu hundaan aaritiidhaan tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata jedhe. Dr Abiy ibsa isaa keessatti,  “biyyiti seeraa fi heerri keessatti hin kabajamne itti fufuu waan hin dandeenyeef, abbootii amantaa dabalatee qaamoliin hawaasaa hundi mootummaa cinaa dhaabbachuun ol’aantummaa seeraa kabachiisuu irratti gahee isaanii bahuu qaban”jechuun waamicha godhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button