header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majliisni Naannoo Hararii dhimmoota haala yeroo irratti kutaa hawaasaa adda addaa waliin mari’ate

Marii kana irratti Daa’iiwwan, Manguddoonni, Abbootiin Gadaa, Qeerroowwan fi qaamonni mootummaa  naannichaa kan hirmaatan tahuun beekameera.

 

Mariin kun  Prezdantii mana marii  dhimmoota Islaamaa naannoo Hararii Sheikh Muhammad Amiin fi Sab qunnamtii mana marii  dhimmoota Islaamaa Haaj Tawufiiq Abdallaahtiin  hogganame. Dhimma nageenyaa  ilaalchisee gocha seeraan alaa magaalota naannoo Oromiyaa fi Hararii keessatti maqaa Qeerroo da’oo godhatuun raawwatamaa jiru dhaabsisuu fi  namoota gocha kana raawwatan mootummaa waliin tahuun seeraaf dhiheessuuf  kan walii galan tahuun beekameera.

 

Prezdaantiin mana marii dhimmoota Islaamaa naannichaa Sheikh Muhammad Amiin fi itti gaafatamaa sab qunnamtii mana marichaa kan tahan Haaj Tawufiiq Abdallaah hawaasni muslimaa akkuma duraanii nageenya naannichaa jabeessee akka eeguu fi qaamota gocha seeraan alaa irratti bobba’anii nageenya hawasaa booressan seeraaf akka dhiheessu  dhaamsa dabarsanii jiru.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button