header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaa Federaalaa fi Naannoo Tigraayi jiddutti araara buusuuf tahuu gabaafame

Jilli abbootii Amantaa fi Jaarsolii biyyaa, Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaatiin durfamu, waldhabbii mootummaa Federaalaa fi Bulchiinsa mootummaa naannoo Tigraayi jidduutti uumameef araara buusuuf, qondaaltota mootummaa naannoo Tigraayi waliin mari’aatuuf guyyaa boru gara Maqaleetti imaluuf tahuu beekame.

Dubbii himaan Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa, Haaj Mas’uud Addaam “Haalli yeroo ammatti biyyatiin keessa jirtu, Abbootii Amantaa fi Jaarsoliin biyyaa akka keessa seenan dirqisiisee jira”jechuun DW hime.

Itti dabaluunis yaadni araara barbaaduu kun qaamolee lamaan irraa kan madde tahuus ibse.

Haaluma Kanaan Jilli Abbootii Amantaa fi Jaarsolii biyyaa kun dhimmicha irratti Hoggantoota mootummaa Naannoo Tigraayi waliin mari’aatuuf gara magaalaa Maqaaleetti kan imalu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button